3/15/2021 0 Comments Kitaaba Sena Qabsoo Ummata Oromoo
Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo tau duuu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hinmirkaneeffamne.Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama.Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa HUsmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate.
Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan HUsmaan Roobaa ture. ![]() Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee Yuunivarsiitii Finfinnee gale. Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOtti makame. ![]() Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. Nadhii Gammadaa as-buuteen dhabame haajedhamu malee, barbaacha isaaf xiyyeeffaannoon gama mootummaatiin wanti hojjatame hinjiru. Jechoota muraasa gatii qabdu, kan haasawa isaa humna qabeessaa keessaa. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu. ![]()
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |